Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Iyyoob 29

Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:

“Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana

akkamin hawwa ture,

yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin

dukkana keessa darbee yeroon deeme,

yeroo ani nama jabaa ture,

yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise,

yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture,

yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan,

yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame,

yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase.

“Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee

oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe,

dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru;

maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture;

hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii

harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture;

sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture;

arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture.

Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja;

kanneen na arganis na galateeffatu ture;

ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu,

nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.

Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera;

ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.

Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera;

murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture.

Ani nama jaameef ija,

okkolaaf immoo miilla taʼeen ture.

Ani rakkataadhaaf abbaan ture;

nama ormaatiif illee nan falman ture.

Qarriffaa nama hamaa nan cabse;

waan inni qabates afaan isaatii buuseera.

“Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa;

barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata.

Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba;

fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula.

Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata;

iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’

“Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa

abdiidhaan na dhaggeeffatu.

Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne;

dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture.

Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan;

dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan.

Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne;

ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture.

Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe;

akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe;

ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.