Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Iyyoob 28
Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu,
lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.
Sibiilli lafa keessaa baafama;
sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.
Namni hamma dhuma dukkanaatti deema;
moggaa akka malee fagoo dhaqees,
dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.
Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee
iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota;
namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.
Lafa irraa garuu nyaatatu argama;
jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;
dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti;
biyyoon isaas warqee qaba.
Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku;
iji culullees karaa sana hin argine.
Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne;
leencis karaa sana hin darbine.
Harki namaa dhagaa jabaa cabsa;
hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.
Inni kattaa keessaan karaa baasa;
iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.
Madda lageenii ni sakattaʼa;
waan dhokfames ifatti ni baasa.
Ogummaan garuu eessaa argamti?
Hubannaanis eessa jiraata?
Namni gatii isaa hin beeku;
inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.
Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha;
galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha.
Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu;
gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.
Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti
yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.
Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu;
inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.
Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman;
gatiin ogummaa lula diimaa caala.
Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu;
warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.
Yoos ogummaan eessaa dhufti ree?
Hubannaanis eessa jiraatti?
Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti;
simbirroota samii jalaas baddeerti.
Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa
gurra keenyaan dhageenye” jedhu.
Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee,
lafa inni jiraatus beeka;
inni handaara lafaa ni ilaala;
waan samii jala jiru hunda ni argaatii.
Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee
bishaanota safaretti,
yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee
bakakkaaf immoo daandii baasetti,
inni ogummaa ilaalee madaale;
jabeessee dhaabee ishee qorate.
Ergasii ilmaan namaatiin,
“Gooftaa sodaachuun ogummaa;
waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.