Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Iyyoob 26
Iyyoob
Iyyoob akkana jedhee deebise:
“Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte!
Irree laafes hammam jajjabeessite!
Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite!
Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!
Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare?
Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?
“Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi
kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.
Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira;
badiisnis waan isa dhoksu hin qabu.
Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa;
lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.
Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba;
duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.
Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan
fuula jiʼaa ni haguuga.
Inni fuula bishaanotaa irratti,
ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.
Utubaawwan samii ni hollatu;
dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.
Inni humna isaatiin galaana ni raasa;
ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.
Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse;
harki isaas bofa shawwisaa waraane.
Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa;
hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha!
Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.