Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Iyyoob 25

Bildaad

Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:

“Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti;

inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.

Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu?

Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?

Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree?

Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?

Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne,

yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,

namni raammoo foonii taʼe,

ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.