Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Uumama 28
Yisihaaqis Yaaqoobin waamee eebbisee akkana jedhee isa ajaje: “Intallan warra Kanaʼaan keessaa hin fuudhin. Ammuma kaʼiitii gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam mana abbaa haadha keetii mana Betuuʼeel dhaqi. Achiis intallan obboleessa haadha keetii intallan Laabaa keessaa tokko fuudhi. Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun si haa eebbisu; sanyii siif haa kennu; akka ati saba balʼaa taatuufis si haa baayʼisu. Ati biyya amma alagummaadhaan keessa jiraattu, biyya Waaqni dhaala godhee Abrahaamiif kenne sana akka dhaaltuuf inni eebba Abrahaamiif kenne sii fi sanyii keetiif haa kennu.” Yisihaaqis akkasitti Yaaqoobin erge; Yaaqoobis gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam gara Laabaa ilma Betuuʼeel namicha Arraam sanaa dhaqe; Laabaan kun immoo obboleessa Ribqaa, haadha Yaaqoobii fi Esaawu.
Esaawu akka Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee akka inni achii niitii fuudhuuf gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti isa ergee fi akka isa eebbisettis “Intallan warra Kanaʼaan hin fuudhin” jedhee isa ajaje yommuu beeketti; Yaaqoob abbaa fi haadha isaatiif ajajamee gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam dhaqe. Esaawus intallan warra Kanaʼaan fuula abbaa isaa Yisihaaq duratti hammam jibbamoo akka taʼan hubate. Kanaafuu Esaaw gara Ishmaaʼeel ilma Abrahaam dhaqee Maahalaati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti niitota dur qabu irratti dabalee fuudhe.
Abjuu Yaaqoob Beetʼeelitti Abjoote
Yaaqoob Bersheebaa baʼee Kaaraan dhaqe. Innis iddoo tokko gaʼee aduun dhiinaan achi bule; dhagoota achi turan keessaas tokko fudhatee mataa jala kaaʼatee rafuuf ciise. Innis achitti abjuu abjoote; kunoo yaabbannoo lafa dhaabatee fiixeen isaa immoo samii gaʼu tokko arge; kunoo ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo sana irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan. Kunoo Waaqayyo yaabbannoo sana gara irraa dhaabatee akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq; ani lafa ati irra ciiftu kana siif fi sanyii keetiif nan kenna. Sanyiin kee akkuma biyyoo lafaa ni baayʼata; atis gara dhiʼaatti, gara baʼaatti, gara kaabaattii fi kibbaatti ni babalʼatta. Uummanni lafa irraa hundinuu karaa keetii fi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama. Kunoo ani si wajjinan jira; lafa ati dhaqxu hundattis sin eega; gara biyya kanaattis deebisee sin fida. Ani hamman waanan waadaa siif gale sana siif guututti si hin dhiisu.”
Yaaqoobis yommuu hirribaa kaʼetti, “Dhugumaan Waaqayyo iddoo kana jira; ani waan kana hin hubanne” jedhe. Innis sodaatee, “Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti” jedhe.
Yaaqoobis guyyaa itti aanu ganama obboroo kaʼee dhagaa mataa jala kaaʼatee ture sana fuudhee akka utubaatti ol dhaabe; fiixee isaa irrattis zayitii dhangalaase. Innis maqaa iddoo sanaa Beetʼeel jedhee moggaase; duraan garuu magaalaan sun Luuzi jedhama ture.
Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee wareege; “Yoo Waaqni na wajjin taʼe, yoo inni karaa ani deemu kana irratti na eege, yoo waan ani nyaadhuu fi waan ani uffadhu naa kenne, yoo ani nagaan mana abbaa kootti deebiʼe, Waaqayyo Waaqa koo ni taʼa; dhagaan ani utubaa godhee ol dhaabe kunis mana Waaqaa taʼa; waan ati naa kennitu keessaas kudhan keessaa tokko siifin kenna.”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.