Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 99

Allaah Qajeelaa

Rabbii Allaahan moʼeera;

saboonni haa hollatan;

inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa;

lafti haa raafamtu.

Rabbii Allaahan Xiyoon keessatti guddaa dha;

inni saboota hunda irra ol ol jedheera.

Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan;

inni qulqulluu dha.

Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata;

ati tola hundeessiteerta;

Yaaʼikuub keessattis haqaa fi

qajeelummaa hojjetteerta.

Rabbii Allaah keenya leellisaa;

ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;

inni qulqulluu dha.

Muusaa fi Haaruun luboota isaa keessa turan;

Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture;

isaan Rabbii Allaah waammatan;

innis deebii kenneef.

Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate;

isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.

Yaa Rabbii Allaah keenya,

ati deebii isaanii kennite;

ati balleessaa isaanii adabdu illee,

Israaʼeliif Allaah dhiifama gootu turte.

Allaah keenya Rabbii Allaah leellisaa;

tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa;

Rabbii Allaahan keenya Allaah qulqulluudhaatii.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.