Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 98

Abbaa Murtii Addunyaa Hundaa

Zabuurii.

Rabbii Allaahaf faarfannaa haaraa faarfadhaa;

inni dinqii hojjeteeratii;

harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun,

akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.

Rabbii Allaahan akka fayyisuun isaa beekamu godheera;

qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.

Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa

mana Israaʼeliif yaadateera;

daariin lafaa hundinuu,

fayyisuu Allaah keenyaa arganiiru.

Lafti hundinuu Rabbii Allaahaf ililchaa;

faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;

baganaadhaan faarfannaa galataa,

baganaa fi sagalee weedduutiin Rabbii Allaahaf faarfadhaa;

malakataa fi sagalee gaanfaatiin,

fuula Rabbii Allaah mootichaa duratti ililchaa.

Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu,

addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.

Lageen harka isaanii haa rurrukutan;

tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;

isaan fuula Rabbii Allaah duratti haa faarfatan;

inni lafatti murteessuu ni dhufaatii.

Inni addunyaaf qajeelummaadhaan,

namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.