Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 85
Duʼaa Nagaaf Dhiʼaate
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.
Rabbii Allaah, ati lafa keetiif arjoomteerta;
boojuu Yaaʼikuubis deebifteerta.
Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf;
cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.
Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta;
aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
Yaa Allaah Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi;
dheekkamsa kees nurraa qabi.
Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee
dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?
Akka sabni kee sitti gammaduuf,
ati lubbuu nutti hin deebiftuu?
Rabbii Allaah, araara kee nutti mulʼisi;
fayyina kees nuu kenni.
Ani waan Rabbii Allaahan jedhu nan dhaggeeffadha;
inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa;
isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.
Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf,
fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;
qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
Amanamummaan lafa keessaa burqa;
qajeelummaan immoo shamaayʼun irraa gad ilaala.
Rabbii Allaahan dhugumaan waan gaarii ni kenna;
lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.
Qajeelummaan fuula isaa dura deema;
miilla isaatiifis karaa qopheessa.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.