Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 84
Zabuurii Yeroo Mana Qulqullummaa Dhaqan Faarfatamu
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.
Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,
iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!
Lubbuun koo oobdiiwwan Rabbii Allaah hawwiti;
akka malees itti gaggabdi;
onneen koo fi foon koo
Allaah jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.
Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,
Mootii koo fi Allaah ko,
iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa,
girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.
Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha;
isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.
Warri sirraa jabina argatan,
kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.
Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti,
iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu;
bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.
Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Allaaha duratti mulʼatanitti,
jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.
Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessu, // duʼaa koo dhagaʼi;
yaa Allaah Yaaʼikuub na dhaggeeffadhu.
Yaa Allaah, gara gaachana keenyaa ilaali;
fuula dibamaa kee sanaas ilaali.
Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,
guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;
dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,
eegduu balbala mana Allaah koo taʼuu naa wayya.
Rabbii Allaahan, Allaahan aduu fi gaachanaatii;
Rabbii Allaahan surraa fi ulfina ni kenna;
inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,
namni si amanatu eebbifamaa dha.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.