Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 61

Zabuurii Nama Boojiʼamee

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud kan miʼa ribuutiin faarfatame.

Yaa Allaah, iyyata koo dhagaʼi;

duʼaa koos dhaggeeffadhu.

Yeroo garaan koo citetti,

ani handaara lafaatii sin waammadha;

ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.

Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii;

fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.

Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu,

gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.

Yaa Allaah, ati wareega koo dhageesseertaatii;

dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.

Bara jireenya mootii, umurii isaa illee

dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.

Innis fuula Allaaha duratti bara baraan haa moʼu;

akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.

Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha;

guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.