Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 60

Duʼaa Moʼamuu Booddee Dhiʼeeffame

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraa kakuu” jedhamuun faarfatame. Miiktaamii Daawud. Barsiisuuf. Yeroo inni Arraam Nahaaraayimii fi Arraam Zoobaa lolee fi yeroo Yooʼaabin deebisee warra Edoomii keessaa namoota kuma kudha lama Sulula soogiddaa keessatti fixetti faarfatame.

Yaa Allaah, ati nu gatteerta; nu caccabsiteertas;

nutti aarteerta; amma garuu iddootti nu deebisi!

Ati lafa sochoofteerta; tarsaaftees afaan bansiifteerta;

caccabaa ishees walitti suphi; isheen raafamteertii.

Ati akka sabni kee waan hamaadhaan dhiphatu gooteerta;

daadhii wayinii nu gatantarsus nuu kenniteerta.

Akka isaan iddaa jalaa gara isaatti baqataniif,

ati warra si sodaataniif mallattoo kenniteerta.

Akka warri ati jaallattu furamaniif,

harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris.

Allaahan iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera;

“Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda;

Sulula Sukootis nan safara.

Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti.

Efreem gonfoo sibiilaa koo ti;

Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.

Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti;

Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa;

Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”

Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida?

Eenyutu Edoomitti na geessa?

Yaa Allaah, kan nu gatte suma mitii?

Yaa Allaah, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?

Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar;

gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.

Nu Allaah wajjin ni moʼanna;

innis diinota keenya gad dhidhiita.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.