Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 37
Qooda Nama Qajeelaa Fi Hamaa
Zabuurii Daawud.
Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin
yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.
Isaan akkuma margaa dafanii coollagu;
akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.
Rabbii Allaah amanadhu; waan gaariis hojjedhu;
biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
Rabbii Allaahatti gammadi;
innis hawwii garaa keetii siif guuta.
Karaa kee Rabbii Allaahatti kennadhu;
isa amanadhu; inni siif milkeessa.
Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti,
murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.
Rabbii Allaah duratti calʼisi;
obsaanis isa eeggadhu;
nama karaan isaa qajeeleefitti,
kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi;
hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.
Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;
warri Rabbii Allaah abdatan garuu lafa dhaalu.
Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan;
yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.
Garraamonni garuu lafa ni dhaalu;
nagaa guddaadhaanis ni gammadu.
Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu;
ilkaan isaaniis isatti qaratu;
Gooftaan hamootatti ni kolfa;
inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.
Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi
rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf,
warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf,
goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.
Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana;
iddaan isaaniis ni caccaba.
Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra,
waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
humni hamootaa ni cabaatii;
Rabbii Allaahan garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
Rabbii Allaahan bara tolootaa ni beeka;
dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan;
bara beelaa keessas ni quufu.
Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu;
diinonni Rabbii Allaahas akkuma miidhagina daraaraa dirree ti;
isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.
Namoonni hamoon ni liqeeffatu;
garuu deebisanii of irraa hin baasan;
qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;
warri Rabbii Allaahan eebbisu lafa ni dhaalu;
warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.
Adeemsi nama Rabbii Allaah biraa ajajama;
inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu;
Rabbii Allaahan harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;
garuu qajeeltonni gatamuu isaanii
yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus;
ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu;
yoos ati bara baraan ni jiraatta.
Rabbii Allaahan murtii qajeelaa jaallataatii;
warra isaaf amanamanis hin gatu.
Isaanis bara baraan ni eegamu;
sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
Qajeeltonni lafa ni dhaalu;
bara baraanis ishee irra ni jiraatu.
Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;
arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
Seerri Allaah isaa garaa isaa keessa jira;
miilli isaas hin mucucaatu.
Namoonni hamoon qajeeltota gaadu;
isaan ajjeesuus ni barbaadu;
Rabbii Allaahan garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu
yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti,
akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.
Rabbii Allaah eeggadhu; karaa isaas eegi.
Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;
atis badiisa hamootaa ni argita.
Nama hamaa fi gara jabeessa,
isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.
Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre;
ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.
Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali;
sanyiin nama nagaa hin baduutii.
Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu;
galgalli nama hamaas hin tolu.
Fayyinni qajeeltotaa Rabbii Allaah biraa dhufa;
inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
Rabbii Allaahan isaan gargaara; isaan oolchas;
harka namoota hamoo jalaa isaan baasa;
isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.