Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 135
Zabuurii Galataa
135:15‑20 kwf – Zab 115:4‑11
Haalleluuyaa.
Maqaa Rabbii Allaah jajadhaa;
isin garboonni Rabbii Allaah isa galateeffadhaa.
Isin warri mana Rabbii Allaah keessa,
oobdii mana Allaah keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.
Rabbii Allaahan gaariidhaatii, Rabbii Allaah galateeffadhaa;
inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.
Rabbii Allaahan Yaaʼikuubin ofii isaatiif,
Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.
Ani akka Rabbii Allaahan guddaa taʼe,
akka Gooftaan keenya waaqeffatamtoota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.
Rabbii Allaahan shamaayʼuniiwwan keessattii fi lafa irratti,
galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti,
waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha;
bokkaa wajjin balaqqee erga;
gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.
Inni hangafoota Gibxi,
kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.
Yaa Gibxi, inni gidduu keetti,
Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.
Inni saboota baayʼee dhaʼee
mootota jajjaboo ajjeese;
Sihoon mootii warra Amoorotaa,
Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;
lafa isaanii dhaala godhee
akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.
Rabbii Allaah, maqaan kee bara baraan jiraata;
yaa Rabbii Allaah, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.
Rabbii Allaahan saba isaatiif ni falma;
tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
Waaqeffatamtoonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi
warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;
ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;
yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.
Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi
akkuma isaanii taʼu.
Yaa mana Israaʼel Rabbii Allaah eebbisaa;
yaa mana Haaruun Rabbii Allaah eebbisaa;
yaa mana Lewwii Rabbii Allaah eebbisaa;
isin warri isa sodaattanis, Rabbii Allaah eebbisaa.
Rabbii Allaahan inni Yerusaalem keessa jiraatu sun,
Xiyoon irraa haa eebbifamu.
Haalleluuyaa!
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.