Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 13
Iyyata Nama Allaah Amanatee
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
Rabbii Allaah, hamma yoomiitti?
Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa?
Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
Ani hamma yoomiittin rakkina obsee
guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda?
Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?
Yaa Rabbii Allaah ko, na ilaali; deebii illee naa kenni.
Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha;
amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.
Ani garuu araara kee nan amanadha;
garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
Ani Rabbii Allaahaf nan faarfadha;
arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.