Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 129

Duʼaa Diinota Xiyooniin Mormuuf Kadhatame

Zabuurii ol baʼuu.

Israaʼel akkana haa jedhu;

“Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;

isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;

garuu na hin moʼanne.

Warri qootiisa qotan dugda koo qotan;

boʼoo isaaniis ni dheeressan.

Rabbii Allaahan garuu qajeelaa dha;

funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”

Warri Xiyoonin jibban hundinuu,

qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.

Isaan akka marga bantii manaa irraa

kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;

namichi haamu qabaa isaa guuttachuu,

yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.

Warri achiin darban, “Eebbi Rabbii Allaah isiniif haa taʼu;

maqaa Rabbii Allaahatiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.