Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 110
Rabbii Allaahan Mootiidhaaf Ol aantummaa Kennuu Isaa
Zabuurii Daawud.
Rabbii Allaahan, gooftaa kootiin:
“Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,
karaa mirga koo taaʼi” jedhe.
Rabbii Allaahan, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee
bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.
Gaafa ati waraanaaf baatu,
loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu.
Ati gadameessa ganamaa keessaa,
surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.
Rabbii Allaahan, “Akka sirna Malkiiseedeqitti,
ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera.
Inni yaada isaa hin geeddaru.
Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira;
inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.
Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa
barbadeessuudhaan sabootatti mura.
Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga;
kanaafuu mataa ol qabata.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.