Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Yuunuus 3
Yuunuus Nanawwee Dhaqe
Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee yeroo lammaffaa gara Yuunuus dhufe: “Gara Nanawwee magaalaa guddittii sanaa dhaqiitii ergaa ani sitti himu kana itti lallabi.”
Yuunuusis dubbii Rabbii Allaahatiif ajajamee Nanawwee dhaqe. Yeroo sanatti Nanawween magaalaa akka malee guddoo turte; keessa baʼanii darbuufis guyyaa sadii fudhata ture. Yuunuus imala guyyaa tokkoo deemuudhaan magaalattiitti gale. Akkana jedhees lallabe: “Nanawween guyyaa afurtama keessatti ni garagalfamti.” Warri Nanawwees Allaahatti amanan. Soomas labsanii hundi isaanii xinnaa fi guddaan uffata gaddaa uffatan.
Yommuu oduun kun mooticha Nanawwee gaʼetti inni teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; wayyaa gaddaas uffatee daaraa keessa taaʼe. Ergasii akkana jedhee Nanawwee keessatti labsii labse:
“Ajajni mootichaatii fi qondaaltota isaa kanaa dha:
Akka namni yookaan horiin tokko iyyuu, karri loonii yookaan bushaayeen waan tokko iyyuu afaaniin qabu hin eeyyaminaa; akka isaan waa nyaatan yookaan dhugan hin eeyyaminaa. Garuu namnis, horiinis wayyaa gaddaa haa uffatan. Namni hundinuu dafee Allaah isaa haa waammatu. Isaan karaa isaanii hamaa sanaa fi yakka harki isaanii hojjetu irraa haa deebiʼan. Maaltu beeka? Tarii Allaahan gaabbee garaa nuu laafee dheekkamsa isaa sodaachisaa sana nurraa deebisee, nuus badii oolla taʼaatii.”
Allaahanis akka isaan waan hamaa irraa deebiʼan hojii isaanii arge; Allaahanis garaa laafeefii balaa isaanitti erguuf yaade sana isaanitti fiduu dhiise.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.