Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Yuunuus 2

Duʼaa Yuunuus

Yuunuus garaa qurxummii keessaa Rabbii Allaah, Allaah isaa duratti duʼaa godhate. Innis akkana jedhe:

“Ani rakkina koo keessatti Rabbii Allaah waammadhe;

innis deebii naaf kenne.

Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye;

atis iyya koo naaf dhageesse.

Ati tuujubatti,

garaa galaanaatti gad na darbatte;

lolaanis na marse;

dambalii fi dhaʼaan kee

hundinuu narra garagalan.

Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera;

taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii

qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.

Bishaanonni na haguugan;

tuujubni immoo na marse;

aramaan galaanaas mataatti na marame.

Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame;

balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame.

Yaa Rabbii Allaah ko,

ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.

“Rabbii Allaah, yeroo lubbuun koo dadhabdetti

ani sin yaadadhe;

duʼaan koos gara kee

gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.

“Warri waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan

araara Allaaha irraa garagalu.

Ani garuu zabuurii galataatiin

aarsaa siif nan dhiʼeessa.

Ani wareegan wareege sanas nan baasa.

Anis, ‘Fayyinni Rabbii Allaah biraa dhufa’ ” nan jedha.

Rabbii Allaahanis qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yuunuusin tufe.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.