Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 82

Waaqi Bulchaa Ol Aana'a

Faaruu Asaafii.

Waaqi yaa'ii ol-gubba'aa keessa dhaabbata;

waaqota oddu'utti muraa kenna.

Inni, «Isin haga yoomii

muraa sirrii hin te'in murtan?

Haga yoomii worra hamaaleyyi'iif golii teetan?

Worra dadhaba'aa fi

ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef,

dhugaa mura'a;

worra hiyyeeyyi'ii fi worra cunqurfamaa

haqa isaanii eega'a.

Worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyii hambura'a;

harka worra hamaaleyyi'ii keessaa isaan baasa'a.

«Worri hamaaleyyiin hin beekanu

yookiin womaa hin hubatanu;

dukkana keessa deddeebi'an;

hundeen lafaa duudiin raafante.

Anille, ‹Isin waaqota;

marti keessanuu

ilmaan Waaqa Ol Aana'aa ti› jedhe.

Te'uu malee, isin akkuma namaa hin duutan;

akkuma bulchaa tokkoo hin jiddan» jedhe.

Gosi biyya adda addaa teeti waan teeteef,

ee Waaqa ka'ii, biyya lafaa irratti muraa kenni.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.