Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 81

Faaruu Guyyaa Jilaa

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta suusulle'een faarfatante

Waaqa jabeenna keenna te'eef,

qoonqoo guddo'oon faarsa'a;

Waaqa Yaaqoobiitiif ilillisa'a.

Faaruu jalqaba'a; dibbeelle dhowa'a;

maseenqoo namatti toltuu fi

kiraara guddicha dhowa'a.

Baatii ji'aatitti, goobana ji'aatitti,

guyyaa jila teennaatitti tultullaa afuufa'a.

Kun Israa'eliif seerata;

ajaja Waaqa Yaaqoobii ti.

Inni yennaa biyya Gibxi'ii dhowiisaaf baye,

ajaja kana ijoollee Yoseefiitiif kenne.

Qoonqoon ani dur hin beenne takka,

«Ani gurmuu teessan irraa ba'aa buuse;

harka keessan kollonjoo qabatiisa irraa bilisa baase.

Isin rakkinna keessa na waammattane;

anille isin baase;

addee gollaa jirtu,

duumensa mandi'u keessaa deebii isinii kenne;

ani bisaan Mariiba'aa1 biratti haga isin ilaale.

Ee kolbaa tiyya,

yennaa ani ifi isin eeggachiisu dhage'a'a;

ee Israa'el, adoo naaf dhageettanee jiraattanee,

attam attam dansa'a!

Waaqoti alagaan odduu teessan hin jiraatin;

waaqota ormaaf hin sagadina'a.

Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan,

ka lafa Gibxi'ii keessaa isin baase;

afaan keessan badhisa'aatii banadha'a;

anille hin guuta.

«Kolbaan tiyya ammoo na hin dhageenne;

Israa'el naaf hin ajajanne.

Maarre ani mataa jabeeyyii akka te'anuuf,

yaada ifiille akka hordofanuuf isaan lakkise.

Kolbaan tiyya adoo naaf dhageettee jiraattee,

Israa'el adoo karaa kiyya ideentee jiraattee,

ani silaa ariiti'iin

diinota isaanii hin jilbiissisaayyu;

harka kiyyalle

gara nyaapha isaanii hin deebifadhaayyu.

Worri ana Mootii Waan Maraa jibbu

na duratti hin jiganiiyyu;

adabbiin isaaniille

haga bara baraa hin teetiiyyu.

Ani ammoo silaa

qamadii dansaa isin Israa'el areeraayyu;

damma hollaalle isin quussaayyu» jette.

Source notes (1)
  1. Footnote Mariibaa: Yaadannoo Bay. 17:7 irratti kenname ilaali.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.