Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 7

Daadimata Marroo Muraa Haqaa

Faaruu Daawitii ta gaddaa, ta inni marroo Kuushii gosa Beniyaaminiitiif, gara Mootii Waan Maraa faarse.

Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gara keeti baqadha;

worra na ari'u jalaa na hamburii, na baasi!

Yoo akkas hin te'in, addee nami na irraa buusu

hin jirretti na geessanee

akka neenqaa gargar na kukkutan.

Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ani nama tokko yoo yakkee jiraadhe,

harka kiyyaan dokonkora yoo hujee jiraadhe,

nama nageyaan na woliin le'u hantuu godhee,

yookiin diina kiyya sababa malee yoo saamee jiraadhe,

diinni kiyya ari'ee na qabuu ti;

lafa irratti na irra sirbee,

ulfinna kiyya bukuu keessatti lakkisuu ti.

Ee Mootii Waan Maraa, aarii teetiin ka'i;

worra mufi'iin na irratti ka'e irratti ka'i;

naa dammaqii, muraa haqaa ajaji.

Kolbaan biyya adda addaa

adaala keetitti wolitti qabamanuu ti.

Atille ol-gubbaa irraa isaan bulchi.

Mootii Waan Maraa,

kolbaa biyya adda addaa irratti muraa kenni;

akka balchumma'aa fi dhugaammessummaa tiyyaatitti

muraa naaf kenni.

Ee Waaqa balcha'a,

ka qalbi'ii fi gadhaa nama qorqortu,

hammeenna worra hamaaleyyi'ii balleessi;

worra balchoolee jabeessii dhaabi.

Waaqi wontee tiyya;

inni worra gadhaa qajeela'aa hin fayyisa.

Waaqi abbaa mura'aa balcha'a;

Waaqi yennaa mara nama hama'atti hin aara.

Nami hamaan hammeenna ifii irraa yoo hin deebi'in,

Waaqi shallaagaa ifii hin qarata;

guubee ifii hujee, qopheeffata.

Inni meya woraanaa ka ijjeesuu fi

daaya ifii ka akka ibiddaa bobe'u hin qopheeffata.

Kolbaan hantuun hammeenna yaaddi;

daba karoorfattee,

dhara dubbatti.

Nami boolla namaaf qotu,

ifumaafuu keessa bu'a.

Hammeenni inni yaadate mataa isaatitti garagala;

wonni inni hunnaan nama irratti huje

matuma isaatitti deebiti.

Sababa balchummaa isaatiif,

ani Mootii Waan Maraa hin galateessa;

maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana'aatiif

faaruu leellisaa hin faarsa.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.