Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 6

Daadimata Yennaa Rakkinnaa

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;

yookiin mufi'iin na hin adabin.

Ee Mootii Waan Maraa, ani dadhabaa waan te'eef,

naaf marari;

Ee Mootii Waan Maraa,

lafeen tiyya soda'aan waan na sheephitteef

na fayyisi.

Lubbuun tiyya guddoo na raafanteerti.

Ee Mootii Waan Maraa, na qarqaariisaaf,

ati haga yoomii turta?

Ee Mootii Waan Maraa, deebi'ii na baasi;

jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na hamburi.

Nami du'ee si qaabatu hin jiru;

boolla awwaalaa keessaa ka si leellisu eennu?

Ani aadiisaan dadhabeera;

halkan mara bowaan taqee tiyya maxanqeessee,

imimmaaniin boraatii tiyya tortorse.

Akka malee waan gaddeef

ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti;

sababa diinota kiyya maraatiif

ilti tiyya caararrootteerti.

Mootiin Waan Maraa bowa tiyya waan dhage'eef,

isin worri hamaaleyyiin marti na irraa fagaadha'a.

Mootiin Waan Maraa iyya tiyya dhage'eera;

inni daadimata kiyyaaf deebii hin kenna.

Diinoti kiyya marti hin qaanowan;

guddoo hin sodaatanille'e;

dedhuma salphatanee, gara duubaa hin deebi'an.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.