Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 5

Daadimata Diina Jalaa Bayiisaaf dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta suusulle'een faarfatante.

Ee Mootii Waan Maraa, dubbii tiyya caqasi;

aadiisa kiyyalle dhage'i.

Mootii kiyya, Waaqa kiyya,

ani waan si daadimadhuuf,

iyya tiyya naa dhage'i.

Ee Mootii Waan Maraa,

ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta;

ganama mara si daadimadhee

deebii si irraa eegadha.

Ati Waaqa hammeennatti gammaduu moti;

hammeennille si woliin hin le'u.

Koorameeyyiin si dura hin dhaabbattu;

worra hantuu huju mara hin jibbita.

Ati dharaameyyii mara hin balleessita;

worra nama ijjeesuu fi nama sobu hin jibbita.

Ani ammoo jaalala keeti ka bara baraatiin

gara mana keetii seena;

si sodaatiisalle'een

gara Dunkaanii Woyyittii teetii garagalee

hin sagada.

Ee Mootii Waan Maraa,

diinota bacaa waan qabuuf,

balchummaa teetiin na sooressi;

karaa keeti naaf qajeelchi.

Diinoti kiyya dhugaa hin dubbatanu;

gadhaan isaanii badi'iin guutameera.

Afaan isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti;

arraba ifiitiin maltee dubbatan.

Ee Waaqa, yakkaa isaanii isaanitti muri;

malli isaaniituu badii isaanitti fiduu ti.

Isaan si irratti waan ka'aneef,

sababa cubbuu isaanii heddu'uutiif,

alatti isaan gati.

Worri gara keeti baqatu marti ammoo

gammaduu ti;

isaan haga bara baraa ilillisanuu ti.

Worri maqaa keeti jaalatu marti si'itti

gammadee akka firinxiixu isaan eegi.

Ee Mootii Waan Maraa,

ati balchoota hin eebbitta;

fedhii teeti dansa'aan

akka wonte'ee isaan marsi.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.