Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Zakkaariyaas 5

Kitaaba Maramaa Barrisu Tokko

Ani ammas ol milʼadhe; kunoo kitaabni maramaan barrisu tokko fuula koo dura ture!

Ergamaan Waaqayyoo sunis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate.

Anis, “Kunoo ani kitaaba maramaa dhundhuma digdama dheeratee dhundhuma kudhan balʼatu tokko nan arga” jedheen deebise.

Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Kun abaarsa lafa hundumatti dhufaa jiruu dha; akka kitaabicha irratti barreeffametti, hattuun hundinuu ni barbadoofti; akkuma barreeffamni gama kaan irraa jedhutti namni sobaan kakatu hundinuu ni barbadeeffama. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani abaarsa kana gad nan erga; innis mana hattuutii fi mana nama sobaan maqaa kootiin kakatuu ni seena. Abaarsi kun mana isaa keessatti hafee, mana isaa, muka isaatii fi dhagaa isaa ni barbadeessa.’ ”

Dubartii Quunnaa Keessa Jirtu Tokko

Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun dhufee, “Mee ol jedhii waan dhufaa jiru sana ilaali” naan jedhe.

Anis, “Inni maali?” jedheen gaafadhe.

Innis, “Kun quunnaa ittiin waa safaranii dha” jedhee deebise. Ammas itti dabalee, “Kun hammina saba guutummaa lafaa irra jiraatuu ti” jedhe.

Ergasii qadaadni dilaalii irraa hojjetame irraa ol fuudhame; kunoo dubartiin tokko quunnaa sana keessa teessee turte! Innis, “Kun hammina” jedhe; ergasii quunnaa keessatti gad ishee dhiibee qadaada dilaalii irraa hojjetame sana afaan quunnaatti deebise.

Ergasii ani ol nan milʼadhe; kunoo dubartoonni qoochoo isaanii jalaa bubbee qaban lama fuula koo dura turan! Isaanis qoochoo akka qoochoo huummoo qabu ture; quunnaa sanas samii fi lafa gidduutti ol fuudhan.

Anis, “Isaan quunnaa sana eessatti geessu?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.

Innis, “Mana ijaaruuf jedhanii gara biyya Baabilonitti geessu. Yeroo manni sun ijaaramee qopheeffamutti quunnaa sana fuudhanii iddoo isaa kaaʼu.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.