Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Weedduu 6
Michoota
Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu,
michuun kee eessa dhaqe?
Akka nu si wajjin barbaannuuf
michuun kee garamitti gore?
Ishee
Michuun koo iddoo biqiltuu keessa
hoolota isaa tikfachuu fi
daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu,
lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera.
Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti;
inni daraaraa keessa dheechifata.
Isa
Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha;
akkuma Yerusaalem namatti tolta;
akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda.
Ija kee narraa buqqisi;
inni na jeeqeeraatii.
Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota
Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.
Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa
kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti.
Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu;
isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti
roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
Mootittiiwwan jaatamni, // saajjatoon saddeettamnii fi
dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun // jiraachuu dandaʼu;
gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti;
isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha;
haadha ishee deesseefis filatamtuu dha.
Dubarran ishee arganii ishee eebbisan;
mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan.
Michoota
Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu,
kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu,
kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu?
Isa
Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf,
akka wayiniin hudhaa baase
yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf
gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe.
Utuu ani hin hubatin,
lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste.
Michoota
Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi;
akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi!
Isa
Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti
maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu?
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.