Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Weedduu 3
Ani halkan guutuu siree koo irra ciisee
nama garaan koo jaallatu sana nan barbaade;
ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
Ani amma kaʼeen magaalaa keessa,
daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema;
nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada.
Kanaafuu ani isa nan barbaade;
garuu isa hin arganne.
Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan;
anis, “Michuu koo argitanii?”
jedheen isaan gaafadhe.
Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen,
nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe.
Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti,
diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti
ol galchutti gad isa hin dhiisne.
Yaa intallan Yerusaalem,
ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa;
hamma isheen ofumaan feetee kaatutti,
jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
Isheen qumbii fi ixaana
urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee
akkuma utubaa aaraa
gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu?
Kunoo! Siree Solomoon kan loltoota jaatama
warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti.
Hundi isaanii goraadee hidhatu;
hundinuu muuxannoo waraanaa qabu;
tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii
luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan.
Solomoon mootichi ofii isaatii gaarii tolfate;
innis muka Libaanoon irraa tolfate.
Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete;
jala isaa garuu warqeedhaan hojjete.
Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame;
keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame.
Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa;
inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa,
guyyaa garaan isaa gammadetti,
mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.