Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Weedduu 1

Weedduu Weeddotaa Solomoon.

Ishee

Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu;

jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.

Urgaan shittoo keetii namatti tola;

maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti.

Kanaafuu dubarran si jaallatu!

Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa!

Mootichi diinqa isaatti ol na galfate.

Michoota

Nu sitti gammannee ililchina;

jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna.

Ishee

Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!

Intallan Yerusaalem,

ani akkuma dunkaana Qeedaar,

akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha;

garuu bareedduu dha.

Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin;

aduutu na gurraachesseetii.

Ilmaan haadha koo natti aaranii

akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan;

ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.

Yaa isa ani si jaalladhu,

iddoo bushaayee kee tikfattuu fi

iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi.

Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee

bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?

Michoota

Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu,

ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi;

ilmoolee reʼoota keetiis

dunkaana tiksootaa bira tikfadhu.

Isa

Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa

fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.

Maddiin kee amartii gurraatiin,

mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.

Nu warqee gurraa

meetiidhaan wal make siif tolchina.

Ishee

Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu

shittoon koo urgaa isaa kenne.

Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti;

inni guntuta koo gidduu boqota.

Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa

kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.

Isa

Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda!

Dinqii akkam bareedda!

Iji kee gugee fakkaata.

Ishee

Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda!

Dinqii akkam namatti tolta!

Margi lalisaan siree keenya.

Isa

Dareersumaan mana keenyaa birbirsa;

dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.