Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Roomaa 9
Filannoo Waaqaa
Ani Kiristoosiin dhugaa nan dubbadha; ani hin sobu; yaadni koos Hafuura Qulqulluudhaan naa mirkaneessa; ani gadda guddaa fi dhiphina wal irraa hin cinne garaa koo keessaa qaba. Ani iyyuu obboloota koo warra akka fooniitti sanyii koo taʼaniif jedhee utuun Kiristoos irraa gargar baʼee abaaramee nan hawwa tureetii; isaan saba Israaʼel. Ilmummaan, ulfinni, kakuun, seera fudhachuun, tajaajiluu fi waadaan kan isaanii ti. Abbootiin kan isaanii ti; Kiristoosis1 isaan irraa fooniin dhalate; inni waan hunda irratti Waaqa; inni bara baraan haa eebbifamu! Ameen.
Kun garuu dubbiin Waaqaa diigameera jechuu miti. Kan Israaʼel irraa dhalate hundi Israaʼel miti. Yookaan isaan sababii sanyii Abrahaam taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa miti. Garuu, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama”2 jedhameera. Kana jechuunis ijoollee waadaatu sanyiitti lakkaaʼama malee ijoolleen foon irraa dhalatan ijoollee Waaqaa miti. Dubbiin waadaa sunis kan, “Ani yeroo murteeffametti deebiʼee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi”3 jedhu tureetii.
Kana qofa miti; Ribqaan yeroo namuma tokkoof, abbaa keenya Yisihaaqiif ulfooftetti, ijoolleen sun utuu hin dhalatin yookaan utuu waan gaarii yookaan waan hamaa hin hojjetin akka kaayyoon filannoo Waaqaa raawwatamuuf, utuu hojiin hin taʼin isa waamicha Waaqaatiin, “Inni hangafni isa quxisuu tajaajila”4 jedhamee isheetti himame. Kunis akkuma, “Yaaqoobin nan jaalladhe; Esaawun garuu nan jibbe”5 jedhamee barreeffamee dha.
Egaa maal jenna ree? Waaqni jalʼaadhaa? Gonkumaa akkas miti! Inni Museedhaan,
“Ani kanan maaru nan maara;
kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa”6
jedhaatii. Kanaafuu wanti kun araara Waaqaatiin malee hawwii yookaan carraaqqii namaatiin miti. Katabbiin qulqulluun Faraʼooniin, “Ani humna koo sirratti argisiisuuf, maqaan koos akka lafa hunda irratti labsamuuf kaayyoo kanaaf si kaaseera”7 jedhaatii. Kanaaf Waaqni kan maaruu barbaadu ni maara; kan mata jabeessa gochuu barbaadu immoo mata jabeessa godha.
Isinis, “Yoos Waaqni maaliif amma iyyuu dogoggora nurra barbaada? Fedhii isaas eenyutu mormuu dandaʼa?” naan jettu. Garuu yaa namichoo, Waaqaan mormuuf ati eenyu? “Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, ‘Ati maaliif akkanatti na tolchite?’ ”8 jedhaa? Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu?
Waaqni dheekkamsa isaa argisiisuu fi humna isaas beeksisuuf jedhee yoo miʼa dheekkamsaa kanneen badiisaaf qopheeffaman obsa guddaan bira darbe hoo? Inni badhaadhummaa ulfina isaa yoo miʼa araara isaa kanneen duraan dursee ulfinaaf qopheessetti beeksisuuf jedhee waan kana godhe hoo? Nus warra waamaman keessaa tokkoo dha; inni Yihuudoota qofa keessaa utuu hin taʼin Namoota Ormaa keessaas waameera. Inni kitaaba Hooseʼaa keessatti akkana jedha:
“Ani warra saba koo hin taʼiniin, ‘saba koo’ nan jedha;
ishee jaallatamtuu hin taʼiniin immoo, // ‘jaallatamtuu’ nan jedha.”9
Akkasumas isaan,
“Iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’
isaaniin jedhame sanatti, ‘ilmaan Waaqa jiraataa’
jedhamanii ni waamamu.”10
Isaayyaas akkana jedhee waaʼee Israaʼel iyya:
“Baayʼinni ilmaan Israaʼel // yoo akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu,
hambaa qofatu fayya.
Gooftaan utuu hin turin,
yeroo dhumaatiif lafa irratti ni muraatii.”
Kunis akkuma Isaayyaas duraan dursee akkana jedhee dubbatee dha:
“Utuu Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu,
sanyii nuuf hambisuu baatee,
nu silaa akkuma Sodoom taanee,
Gomoraas fakkaanna turre.”11
Amantii Dhabuu Israaʼel
Egaa maal jenna ree? Namoonni Ormaa kan qajeelummaa duukaa hin buʼin qajeelummaa karaa amantiitiin taʼe argataniiru. Israaʼeloonni seera qajeelummaa duukaa buʼan garuu qajeelummaa hin arganne. Maaliif dhaban? Kunis sababii isaan utuu karaa amantiitiin hin taʼin hojiidhaan qajeelummaa argachuu barbaadaniif; isaanis dhagaa nama gufachiisuun gufatan. Kunis akkuma,
“Kunoo, ani dhagaa nama gufachiisu,
kattaa nama kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa;
namni isatti amanu gonkumaa hin qaanaʼu”12
jedhamee barreeffame sanaa dha.
Source notes (12)
- Footnote yookaan Masiihichis
- Footnote Uma 21:12
- Footnote Uma 18:10,14
- Footnote Uma 25:23
- Footnote Mil 1:2,3
- Footnote Bau 33:19
- Footnote Bau 9:16
- Footnote Isa 29:16; 45:9
- Footnote Hos 2:23
- Footnote Hos 1:10
- Footnote Isa 1:9
- Footnote Isa 8:14; 28:16
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.