Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Roomaa 13

Abbootii Taayitaa Jalatti Buluu

Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude. Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu. Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii. Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Waaqaatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Waaqaa kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha. Kanaafuu sababii dheekkamsaa qofaaf utuu hin taʼin, yaada qulqulluudhaan warra taayitaa irra jiran jalatti buluun barbaachisaa dha.

Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Waaqaa warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii. Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.

Wal jaalladhaa

Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii. Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin”1 jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu”2 jedhu kanaan walitti guduunfamu. Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti.

Yeroon isin hirribaa dammaqxan amma akka taʼe hubadhaa. Yeroo nu itti amanne sana caalaa fayyinni keenya amma nutti dhiʼaateeraatii. Halkan bariʼuu gaʼeera; guyyaanis dhiʼaateera. Kanaafuu hojii dukkanaa of irraa gannee miʼa lolaa kan ifaa haa hidhannu. Kottaa akka yeroo guyyaatti amala gaariin haa jiraannu; addaggummaa fi machiidhaan miti; jireenya sagaagalummaa fi gad dhiisiitiin miti; wal loluu fi hinaaffaadhaan miti. Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.

Source notes (2)
  1. Footnote Bau 20:13‑15,17; KeD 5:17‑19; 5:21
  2. Footnote Lew 19:18

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.