Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 87

Xiyoon, Haadha Sabootaa

Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.

Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa,

karrawwan Xiyoon jaallata.

Yaa magaalaa Waaqaa,

waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:

“Ani Raʼaabii fi Baabilonin

warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa;

kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin,

‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”

Dhugumaan waaʼee Xiyoon,

“Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan;

Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.

Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti,

“Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.

Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan,

“Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.