Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 84

Faarfannaa Yeroo Mana Qulqullummaa Dhaqan Faarfatamu

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,

iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!

Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti;

akka malees itti gaggabdi;

onneen koo fi foon koo

Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.

Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,

Mootii koo fi Waaqa ko,

iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa,

girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.

Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha;

isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.

Warri sirraa jabina argatan,

kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.

Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti,

iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu;

bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.

Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti,

jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.

Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, // kadhannaa koo dhagaʼi;

yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu.

Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali;

fuula dibamaa kee sanaas ilaali.

Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,

guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;

dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,

eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.

Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii;

Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna;

inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.

Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,

namni si amanatu eebbifamaa dha.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.