Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 58

Abbaa Murtii Kan Abbootii Murtii Biyya Lafaa

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawiti. Miiktaamii.

Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii?

Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii?

Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu;

harki keessanis lafa irratti goolii kaasa.

Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu;

gadameessa haadha isaaniitii jalqabniis karaa irraa goranii soba dubbatu.

Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti;

isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee

sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu

hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti.

Yaa Waaqi ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi;

qarriffaa leencotaas daaki, yaa Waaqayyo!

Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan;

yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu.

Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti,

akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin.

Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin,

jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu.

Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada;

miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata.

Yommus namoonni akkana ni jedhu;

“Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira;

dhugumaan Waaqni lafa irratti murtii kennu jira.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.