Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 52

Waan Nama Hamaa Eeggatu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Daawit. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, “Daawit gara mana Ahiimelekii dhufeera” jedhee itti himetti faarfatame.

Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta?

Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu,

maaliif guyyaa guutuu koorta?

Ati namni nama gowwoomsitu,

arrabni kee badiisa qopheessa;

arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.

Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta;

dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.

Yaa arraba gowwoomsituu nana,

ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.

Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa:

Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira;

biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.

Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan;

isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;

“Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin,

qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee

jalʼina ofiitti ciche!”

Ani garuu akkuma ejersa

mana Waaqaa keessatti lalisuu ti;

baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan

hin geeddaramne sana nan amanadha.

Sababii ati waan kana gooteef

ani bara baraan sin galateeffadha;

sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha.

Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.