Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 43
Tumsaa fi Furama Barbaachaaf Kadhachuu
Yaa Waaqi, naa murteessi;
saba hin amanametti dubbii koo naa falmi;
gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi.
Ati Waaqa jabina kootii ti.
Maaliif na gatte?
Ani maaliifin diinaan cunqurfamee
gaddaan jiraadha?
Ifa keetii fi dhugaa kee ergi;
isaan na haa qajeelchan;
gara tulluu kee qulqulluutti,
gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.
Yoos ani gara iddoo aarsaa Waaqaa,
gara Waaqa gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa.
Yaa Waaqayyo, Waaqa ko,
ani baganaadhaan sin galateeffadha.
Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?
Na keessattis maaliif raafamta?
Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;
ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;
Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.