Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 36
Jalʼina Namaatii Fi Gaarummaa Waaqayyoo
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha Waaqayyoo.
Ani waaʼee cubbamootaa,
ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba:
Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.
Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis,
isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu.
Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha;
isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru.
Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu;
karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan.
Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira,
amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.
Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti;
murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti.
Yaa Waaqayyo, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta.
Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa!
Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu;
atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
Burqaan jireenyaa si bira jiraatii;
nu ifa keetiin ifa argina.
Jaalala kee warra si beekaniif,
qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.
Miilli of tuultotaa natti hin dhufin;
harki hamootaas dhiibee na hin fageessin.
Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru;
gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.