Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 32
Cubbuu Himachuu
Faarfannaa Daawit. Maskiil.
Namni yakki isaa dhiifameef,
kan cubbuun isaas haguugameef,
eebbifamaa dha.
Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne,
kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre,
eebbifamaa dha.
Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti,
guyyaa guutuu aaduu kootiin,
lafeen koo ni bosose.
Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii;
jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.
Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe;
balleessaa koos si hin dhokfanne.
Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe;
atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu,
yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu;
lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.
Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha;
rakkina irraa na eegda;
faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas;
ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.
Isin akka farda yookaan gaangoo
hubannaa hin qabnee hin taʼinaa;
isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee
gara kee hin dhufan.
Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha;
araarri Waaqayyoo garuu nama isa amanatu ni marsa.
Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas;
warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.