Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 28

Kadhannaa Fi Galata

Faarfannaa Daawit.

Yaa Waaqayyo, Kattaa ko, ani sin waammadha;

ati na jalaa hin didin.

Yoo ati na jalaa didde,

ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.

Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee

gara Iddoo Qulqullummaa kee

kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe

sanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi.

Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin,

warra garaa isaaniitti hammina qabatanii

olloota isaanii wajjin garuu

nagaa dubbatan wajjin na hin balleessin.

Akka hojii isaaniitti,

akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif;

akkuma hojii harka isaaniitti kenniif;

gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi.

Sababii isaan hojii Waaqayyoo,

yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneef

inni isaan diiga;

deebisees isaan hin ijaaru.

Waaqayyo haa eebbifamu!

Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii.

Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti;

garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.

Garaan koo baayʼee gammada;

anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.

Waaqayyo jabina saba isaa ti;

dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.

Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi;

tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.