Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 26
Kadhannaa nama qajeelaa
Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina
hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi;
anis utuu asii fi achi hin raafamin,
Waaqayyoon amanadheera.
Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali;
garaa koo fi qalbii koo qori;
jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii;
anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu,
yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;
ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba;
hamoota wajjinis hin taaʼu.
Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha;
iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.
Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha;
dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu,
iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.
Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos
warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;
warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru
kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.
Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha;
ati na furi; araaras naa buusi.
Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata;
waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.