Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 15
Nama Akkamiitu Mana Waaqaa Keessa Jiraachuu Dandaʼa?
Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata?
Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi
nama waan qajeelaa hojjetu,
nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
kan arraba isaatiin nama hin hamanne,
nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi
nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,
kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju,
yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,
nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi
kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha.
Namni wantoota kanneen hojjetu,
gonkumaa hin raafamu.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.