Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 138
Faarfannaa Galataa
Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
fuula “waaqotaa” durattis galata kee nan faarfadha.
Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef,
ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif
gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee,
maqaa kee nan leellisa.
Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite;
irree keetiinis na jabeessite.
Yaa Waaqayyo, mootonni lafaa hundinuu,
yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.
Ulfinni Waaqayyoo, guddaadhaatii,
isaan waaʼee karaa Waaqayyoo haa faarfatan.
Waaqayyo yoo ol fagoo jiraate iyyuu, // nama gad qabame ni ilaala;
nama of tuulu immoo fagootti beeka.
Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu,
ati lubbuu koo ni eegda;
aarii diina kootti harka kee ni diriirsita;
harka kee mirgaatiinis na oolchita.
Waaqayyo kaayyoo isaa fiixaan naa baasa;
yaa Waaqayyo, jaalalli kee bara baraan jiraata;
hojii harka keetii hin gatin.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.