Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 132
Faarfannaa Deebifamuu Taabotaa
132:8‑10 kwf – 2Sn 6:41‑42
Faarfannaa ol baʼuu.
Yaa Waaqayyo, Daawitii fi
rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee
Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
“Ani mana koo ol hin seenu;
yookaan siree kootti ol hin baʼu.
Ani ija kootiif hirriba,
baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti,
Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;
Yaaʼaarittis isa arganne:
“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;
ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;
atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;
qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”
Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii,
dibamaa kee hin gatin.
Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera;
inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:
“Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,
ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti // teessoo kee irra ni taaʼu.”
Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii;
akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;
kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;
hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
Luboota isheetti fayyina nan uffisa;
qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha;
dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
Diinota isaatti qaanii nan uffisa;
gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.