Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 122
Yaa Yerusaalem Ililchi
Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.
Yommuu isaan, “Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa”
naan jedhanitti, ani nan gammade.
Yaa Yerusaalem,
miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.
Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee
gobbatte tokkootti ijaaramte.
Kunis iddoo gosoonni,
gosoonni Waaqayyo,
akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti,
maqaa Waaqayyoo galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.
Teessoowwan murtii,
teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu.
Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa:
“Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.
Dallaa kee keessa nagaan,
masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.”
Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee,
“Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
Mana Waaqayyo Waaqa keenyaatiif jedhee,
ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.