Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Fakkeenya 4

Ogummaan Waan Hunda Caalti

Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;

qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.

Ani barumsa gaarii isinii nan kenna;

kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.

Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti,

yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,

inni akkana jedhee na barsiise;

“Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;

seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.

Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;

dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.

Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;

ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.

Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.

Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.

Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii;

isa hammadhu; innis si kabajaatii.

Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi;

gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.”

Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu;

barri jireenya keetiis ni baayʼataa.

Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha;

daandii qajeelaa irras sin buusa.

Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu;

yoo fiigdu illee ati hin gufattu.

Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;

waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.

Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin

yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.

Irraa fagaadhu; irras hin deemin;

irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.

Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii;

isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.

Isaan buddeena hamminaa nyaatu;

daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.

Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa

kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.

Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti;

isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.

Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu;

dubbii kootiifis gurra kenni.

Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin;

garaa kee keessa ol kaaʼadhu;

inni warra isa argatuuf jireenya,

dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.

Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;

burqaan jireenyaa achii baʼaatii.

Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi;

haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.

Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;

atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.

Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu;

karaan kee hundinuu haa jabaatu.

Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin;

miilla kee hammina irraa eeggadhu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.