Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Fakkeenya 29

Namni ifannaa baayʼee booddee

mataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus.

Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha;

yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma.

Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa;

miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.

Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa;

kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.

Namni ollaa isaa jaju,

miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa.

Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama;

qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas.

Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata;

namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.

Qoostonni magaalaa jeequ;

ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.

Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe,

gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu.

Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu;

nama tolaas ajjeesuu barbaadu.

Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna;

ogeessi garuu of qaba.

Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate,

qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.

Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu:

Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna.

Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan // hiyyeeyyiif murtii kenne,

teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.

Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti

gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.

Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata;

qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu.

Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna;

lubbuu kees ni gammachiisa.

Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa;

namni seera eegu garuu eebbifamaa dha.

Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu;

inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii.

Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee?

Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.

Nama garbicha ofii isaa // ijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu,

galgalli isaa rakkina.

Namni aaru lola kakaasa;

kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.

Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa;

namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.

Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba;

inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu.

Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa;

kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.

Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;

murtiin qajeelaan garuu Waaqayyo biraa dhufa.

Qajeelaan sobduu xireeffata;

hamaan immoo nama tolaa jibba.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.