Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Lakkoobsa 28

Aarsaa Guyyuma Guyyaan Dhiʼeeffamu

Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ajaja kana Israaʼelootaaf kenni; akkanas jedhiin: ‘Aarsaa nyaataa kan ibiddaan anaaf dhiʼeeffamu kan fooliin isaa natti tolu sana yeroo murtaaʼetti naa dhiʼeessuu keessan mirkaneeffadhaa.’ Akkana isaaniin jedhi; ‘Aarsaan isin ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessitan isa kana: xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkootii fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan yeroo hunda guyyuma guyyaan dhiʼeeffamu godhaa dhiʼeessaa. Xobbaallaa hoolaa tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi. Kana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii1 tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii2 tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi. Kunis aarsaa yeroo hunda gubamu kan fooliin isaa toluu fi kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu kan Tulluu Siinaa irratti ajajamee dha. Dhibaayyuun tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin dhiʼeeffamus dhugaatii cimaa iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko haa taʼu; dhibaayyuu sanas iddoo qulqulluu keessatti Waaqayyoof dhangalaasi. Xobbaallaa hoolaa kaan immoo akkuma kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin ganama dhiʼeessite sanaa galgalas dhiʼeessi. Kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu dha.

Aarsaa Guyyaa Sanbataa

“ ‘Guyyaa Sanbataa xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi hirʼina hin qabne aarsaa dhibaayyuutii fi kennaa midhaanii akkasumas kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame wajjin dhiʼeessi. Kunis aarsaa gubamu kan aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee Sanbata Sanbataan dhiʼeeffamuu dha.

Aarsaa Jiʼa Jiʼaan Dhiʼeeffamu

“ ‘Jalqaba jiʼoota keessanii hundatti jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa. Tokkoo tokkoo jiboota loonii wajjin kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba; tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi fooliin isaa toluu dha. Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjin dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokkoo irraa walakkaa isaa, tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin iinii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko, korbeessa hoolaa sana wajjinis iinii tokko irraa harka afur keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu. Kunis aarsaa gubamu kan waggaa keessatti baatii haaraatti dhiʼeeffamuu dha. Akkasumas aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko Waaqayyoof dhiʼeessaa; innis aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee dhiʼeeffama.

Faasiikaa

28:16‑25 kwf – Bau 12:14‑20; Lew 23:4‑8; KeD 16:1‑8

“ ‘Bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaan Waaqayyoo ayyaaneffamuu qaba. Bultii kudha shanaffaa jiʼa kanaatti ayyaanatu jira; isinis guyyaa torba Maxinoo nyaattu. Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessaa. Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama, xobbaallaawwan hoolaa torban wajjin tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaatiif iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessi. Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessi. Kanas aarsaa gubamu kan yeroo hunda ganama ganama dhiʼeeffamutti dabalaatii dhiʼeessaa. Haaluma kanaan nyaata aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu sana bultii torbaaf guyyuma guyyaan dhiʼeessaa; innis aarsaa gubamuu fi dhibaayyuu isaa kan yeroo hunda dhiʼeeffamutti dabalamee haa dhiʼeeffamu. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.

Ayyaana Torbanootaa

28:26‑31 kwf – Lew 23:15‑22; KeD 16:9‑12

“ ‘Ayyaana Torbanootaa keessa guyyaa ayyaana mataa midhaaniitti yeroo kennaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessitan sana wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa. Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame haa dhiʼeeffamu. Korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama, Xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu. Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaa dhiʼeessaa. Aarsaawwan kanneen dhibaayyuu isaanii wajjin, aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamuu fi kennaa midhaan isaatti dabalaatii dhiʼeessaa; horiin sunis kan hirʼina hin qabne taʼuu isaanii mirkaneeffadhaa.

Source notes (2)
  1. Footnote Iifiin tokko kiiloo giraamii 22.
  2. Footnote Iiniin tokko liitirii 3.8.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.