Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Lakkoobsa 25

Moʼaab Israaʼelin Gowwoomse

Israaʼeloonni yeroo Shixiim keessa turanitti dhiironni isaanii dubartoota Moʼaab wajjin sagaagaluu jalqaban. Dubartoonni kunneenis gara qalma waaqota isaaniitti saba sana afeerraan, sabni sun qalma sana nyaatee waaqota sanaaf sagade. Israaʼel Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼe. Dheekkamsi Waaqayyoos isaanitti bobaʼe.

Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka dheekkamsi Waaqayyoo jabaan sun saba Israaʼel irraa deebiʼuuf, hangafoota saba sanaa hunda fuudhiitii guyyaa adiidhaan fuula Waaqayyoo duratti isaan fannisi.”

Museen abbootii murtii Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan namoota keessan kanneen Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan fixaa” jedhe.

Kunoo namichi Israaʼel tokko utuma isaan balbala dunkaana wal gaʼii duratti booʼaa jiranuu fuula Museetii fi fuula waldaa Israaʼel guutuu duratti dubartii Midiyaan tokko gara maatii ofii isaatti fidate. Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa waan kana arginaan waldaa sana keessaa baʼee eeboo harkatti qabatee namicha Israaʼel sana duukaa buʼee dunkaana seene; namicha Israaʼelii fi dubartittiis walitti waraanee dhagna isheetti fullaase. Akkasiin dhaʼichi Israaʼelitti dhufe sun ni dhowwame. Garuu baayʼinni namoota dhaʼicha sanaan dhumanii 24,000 gaʼee ture.

Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubicha sanaa dheekkamsa koo Israaʼeloota irraa deebiseera; inni akka ani hinaaffaa kootiin isaan hin balleessineef, akkuma ani ulfina kootiif isaan gidduutti hinaafu sana innis hinaafeeraatii. Kanaafuu kunoo akka ani kakuu koo kan nagaa isa wajjin godhadhu itti naaf himi. Sababii inni ulfina Waaqa isaatiif hinaafee Israaʼelootaaf araara buuseef, innii fi sanyiin isaa kakuu lubummaa kan bara baraa qabaatu.”

Maqaan namicha Israaʼel kan dubartii Midiyaan wajjin ajjeefame sanaa Zimrii ilma Saaluu ti; innis hoogganaa maatii Simiʼoon. Maqaan dubartii Midiyaan kan ajjeefamte sanaa Kozbii intala Zuuri hangafa maatii Midiyaan tokkoo ti.

Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Midiyaanota akka diinaatti ilaaliitii ajjeesi; kunis waan isaan sababii Pheʼooriitii fi obboleettii isaanii Kozbii intala hoogganaa warra Midiyaan, dubartii guyyaa sababii Pheʼooriitiin dhaʼichi dhufe sana ajjeefamte sanaa irratti isin gowwoomsan sana akka diinaatti isin ilaalaniif.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.