Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Naahoom 3

Nanawweef Wayyoo

Magaalattii dhiigaatiif,

kan sobaan guutamteef,

kan saamichaan guutamteef,

kan warri hammina hojjetan keessaa // hin dhabamne sanaaf wayyoo!

Iyyi qaccee,

kakaksuun gommaa,

gulufuun fardaa,

didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!

Abbaan fardaa ni gulufa;

goraadeen ni balaqqisa;

eeboon ni calaqqisa!

Balaan hedduun nama irra gaʼeera;

namni baayʼeen duʼeera;

reeffi lakkoobsa hin qabu;

namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;

kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu,

giiftii falfaltootaa,

kan sagaagaltummaa isheetiin saboota,

tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.

Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

“Ani sitti kaʼeen jira.

Ani uffata kee fuula keetti ol soqola.

Ani sabootatti qullaa kee,

mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.

Ani xuriidhaan sin faala;

akka malee sin tuffadha;

waan kolfaa illee sin godha.

Namni si argu hundi sirraa baqatee,

‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha.

Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?”

Ati, Nooʼi Amoon

biyya laga Abbayyaa irraa

kan bishaaniin marfamte sana caaltaa?

Lagni daʼoo ishee ti;

bishaanis dallaa ishee ti.

Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha;

Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.

Taʼus isheen boojiʼamtee

biyya ormaatti geeffamte.

Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irratti

miciriqfamanii dhuman.

Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufatanii

namoonni ishee gurguddoonni hundinuu // foncaadhaan hidhaman.

Atis ni machoofta; ni dhokattas;

diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.

Daʼoon kee hundi mukkeen harbuu

kanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata;

yeroo mukkeen sun hurgufamanitti

iji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.

Mee raayyaawwan kee ilaali;

isaan hundinuu dubartoota!

Karrawwan biyya keetii diinota keetiif

balʼatanii banamanii jiru;

ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.

Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu;

humna hittisaa kee jajjabeeffadhu!

Suphee tolfadhu;

dhoqqee suphee dhiittadhu;

xuubii tolfadhu.

Achitti ibiddi si fixa;

goraadeenis si cicciree

akkuma korophisaas si barbadeessa.

Akka korophisaa hori;

akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.

Ati hamma isaan urjii samii caalaa

baayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta;

isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisanii

ergasii barrisanii deemu.

Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti;

qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaa

kan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti;

yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu;

namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.

Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu;

namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru.

Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabanii

tulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.

Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu;

miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha.

Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuu

kufaatii keetti harka walitti rurrukuta;

gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaan

eenyutu hin miidhamin?

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.