Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Miikiyaas 2
Karoora Namaatii fi Karoora Waaqaa
Warra daba karoorfatan
kanneen siree isaanii irra // ciisanii hammina yaadaniif wayyoo!
Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf
isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.
Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu;
manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu.
Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa,
dhaala isaas ni fudhatu.
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha;
“Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko
saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira.
Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan;
yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.
Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu;
akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu;
‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra;
qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera.
Inni narraa fudhata!
Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’ ”
Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee
waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu.
Raajota Sobaa
Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa;
waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa;
salphinni nutti hin dhufu” jedhu.
Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa?
Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu?
Inni waan akkasii ni hojjetaa?”
“Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef
dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?
Sabni koo akka diinaatti kaʼeera.
Isin namoota yaaddoo malee achiin darban
kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.
Isin dubartoota saba kootii
manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu.
Eebba koos bara baraan
ijoollee isaanii irraa fudhattu.
Kaʼaatii asii deemaa!
Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti;
isheen xurooftee diigamtee baddeerti.
Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee,
‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi
dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe;
inni raajii saba kanaa taʼa!
Furamni Waadaa Galame
“Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan
isin hunda walitti nan qaba;
ani hambaa Israaʼel walitti nan fida.
Ani akkuma hoolota gola keessaatti,
akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida;
lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.
Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema;
isaan cabsanii karraan baʼu.
Mootiin isaanii isaan dura baʼa;
Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.