Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Lewwota 12
Daʼumsa Booddee Qulqullaaʼuu
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Dubartiin ulfooftee ilma deessee jirtu akka seeraatti akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti bultii torbaaf xurooftuu taati. Ilmi sunis guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabatu. Ergasiis dubartiin sun dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii soddomii sadii eeggachuu qabdi. Ishee hamma yeroon qulqulleeffamuu ishee raawwatamutti waan qulqulluu hin tuqin yookaan gara iddoo qulqulluu hin dhaqin. Isheen yoo durba deessee jiraatte akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti torban lamaaf xurooftuu taati; ergasii immoo dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii jaatamii jaʼa eeggachuu qabdi.
“ ‘Isheen gaafa yeroon qulqulleeffamuu ishee kan sababii ilmaa yookaan intalaa raawwatamutti, xobbaallaa hoolaa kan waggaa tokkoo aarsaa gubamuuf, gugee sookkee tokko yookaan gugee tokko aarsaa cubbuutiif balbala dunkaana wal gaʼii duratti gara lubaa haa fiddu. Innis isheedhaaf araara buusuuf jedhee waan kana fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessa; isheenis ergasii akka seeraatti dhangalaʼaa dhiiga ishee irraa qulqulloofti.
“ ‘Seerri dubartii ilma yookaan durba deessuu kanaa dha. Isheen yoo xobbaallaa hoolaa fiduu hin dandeenye, gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa gubamuuf kaan immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu. Haala kanaan lubichi isheedhaaf araara buusa; isheenis ni qulqulloofti.’ ”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.