Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faaruu 5
Yaa Waaqayyo, waan nurra gaʼe yaadadhu;
ilaali; salphina keenyas argi.
Handhuuraan keenya alagootaaf,
manneen keenyas Namoota Ormaatiif // dabarfamanii kennamaniiru.
Nu ijoollee abbaa hin qabne taane;
haadhonni keenya immoo // haadhota hiyyeessaa taʼaniiru.
Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre;
qoraan illee bittaa qofaan arganna.
Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru;
nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu.
Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee
warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine;
Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban;
nu immoo adabbii isaanii baanne.
Garbootatu nu bulcha;
namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru.
Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin
lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna.
Gogaan keenya sababii beelaatiin
akkuma badaa ibiddaa hoʼa.
Xiyoon keessatti dubartoonni,
magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun // humnaan gudeedaman.
Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru;
maanguddoonni ulfina hin arganne.
Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman;
ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran.
Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru;
dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru.
Gammachuun garaa keenya keessaa badeera;
shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera.
Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera.
Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii!
Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe;
sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;
Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun
lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii.
Yaa Waaqayyo, ati bara baraan bulchi;
teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta?
Maaliif bara dheeraas nu dhiifta?
Yaa Waaqayyo, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi;
bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi.
Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte,
yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.